Tuesday, November 26, 2013

Xalayaa Banaa Hoogganoota QBOf

Sadaasa 23, 2013

Gara:
 
J. Dhugaasaa Bakakkoo, Hayyuu Dure QC-ABO       
J. Daud Ibsaa, Hayyuu Duree Shanee ABO
J. Abarraa Tafarraa, Dura Taa’aa THBO
J. Ibsaa Naga’oo, Barreessaa Gurmuu Qabsaa’ota fi Miseensota ABO

Irraa: Miseensota Kutaa ABO – Ameerikaa Kaabaa

Jaallan hoogganoota dhaabota siyaasa Oromoo,

Baroota dheeraa dabraniif dhaabota siyaasaa Oromoo hooggantan tokkomsuun tokkummaa qabsaa’ota dhinsitanii QBO finiinsuuf yeroo addaddaatti saba Oromoo abdachiisttan. Yeroo addaddaattis “tumsa” “wal-hubannoo” fi kkf waliif mallatteessitanii “Internet” irratti facaafttan. Magaalota hawaasinni Oromoo jiru hedduu keessa bobbaatanii dhimma kana irratti ibsa kennitan.  Lama-lamaan (bi-laterally) “haasaa nagaatti jirra” osoo jettanii baroota hedduu dabarsitan. Ha ta’u malee, milkiin haga ammaatti  mul’ate hin jiru.

Milkaa’u illee yoo hanqattan, tokkumaa qaabsaa’ota QBO dhinsuuf yaalii gootan fi gochaa jirtan hundaaf galatni keessan guddaa dha. Ammallee abdii hin kutatinaa, itti fufaa, jenna.
Dhiiroo “milkaa’uu dadhabuun kun maaliif laataa? Fedhiitu hin jiru mo? Sirnnaani hin hojjettaminii? Yaaliilee hamma ammaatii godhamanii mil’kaa’uu dhaban irraa maal barannaa?” Gaaffiileen jedhanitti deebii barbaaduun yaalii ammaan booda godhamu milkeesuuf qooda guddaa qabaata jennee amanna. Qabsoo tokkummaa qabsaa’ota Oromoo dhinsuuf godhamu gufuu addaddaa irraa eeganii milkoomsuu fi firii itti gochuun gumaacha hunda keenyaa gaafata yaada jedhutti waan amannuuf irratti yaada kennachuuf dirqamnne.

Garuu, gaaffilee kanaaf “deebiin kan keenya qofaa dha” hin jennu. Deebiin gaaffiilee kanaaf kennamuu danda’aniis “isaan nuti tarreessine qofa” ilaalcha jedhu hin qabnnu. Obboleeyyan addaddaa iddoo addaddaa dhaabbatanii rakkoo kana ilaalan irraa ka’uun deebii kan keenyaa gadi ykn caalaa sirrii ta’e kennu danda’u. Xiyyeeffannaan keenya waan dabreef wal komachuu miti; Kan dabre xiinxallee, waan irraa barannee wal dura qabannee, fuula duratti qabsoo ummata keenyaa tarkaanfachiisuu dha.
Kanaaf jecha, qabxiilee yoo ilaalcha gahaa kennitaniif  sochii tokkumaa qabsaa’otaa dhinsuuf  godhamu fuula duratti tarkaanfachiisuun milkoomsuu danda’u jennu tokko-tokko akeeknna. Ha ta’u malee, beekumsi nuti waa’ee dhaabota kanaa qabnnu wal qixa waan hin taaneef, qabxilleen kaafnu hundi, wal-qixa dhaabota hundaa ilaala  jechuu hin dandeenyu. Kan isin ilaalu  keessaa filatanii dhimma itti ba’uun, kan isin hin ilaalle dhiisuun, kan  keessani.

Nu hofkalchaa!

 1.      Tokkummaan qabsaa’otaa kaayyoo ifaa irratti hundaa’uu qaba!

Sababoota qabsaa’ota Oromoo faca’iinsaaf saaxilan keessa inni guddaan kaayyo QBO irratti ilaalcha ititaa dhabuu dha. Gara tokkoon kanneen kaayyon QBO uummata bilisa fi biyya walaba ofiin bulu mirakaneessuuf  ta’uu qaba kan jedhantu jiru. Mooraan kun, wal-giddutti tokkummaa uummatee, dandeetti, beekumsa fi qabeenya isaa walitti kuusee sosso’uun qabsicha akka feesisutti geggeessuu hin dandeenye. Keessattu, baroota kurnan dabran keessa, yaada fi toofttaan isaanii faffaca’aa waan dhufeef, yeroo diinni qabsichaa jabaachaa deemuu, mooraan kun garuu laafaa dhufe. Jeequmsi ABO keessatti bara 2001 dhalatee, dhaabcha gargar baqaqsuun gahe, laafina kanaaf qooda guddaa akka gumaachee shakkiin hin jiru. Hundeen baqaqa kanaas hoogganoota dhaabichaa gidduutti kaayyoo qabsichaa irratti yaadin ititaan dhibuu dha. Kun hamilee saba Oromoo fi kan qabsaa’otaa cabsuun kaayyo kana “bakkaan gahuun kan danda’amu hin fakkaatu” shakkii jedhu uume. Caalaatti, shakkii kana kan hammeesse ammo, obboleeyyan yeroo dheeraaf moora kana keessa turan, abdii kutannoo argisiisuun “haalli addunyaa jijjiiramee jira; gaaffiin akkasii yeroo ammatti addunyaa keessatti fudhatama fi deggersa hin qabu” jechuun yaada moraa kanaa faffacaasuu isaanii ti.

Sababa kana irraan kan ka’e, moraa kana keessatti, jeequmsaa fi dadhabinatu mul’ata. Osoo ofii isaanii gidduutti yaada ititaa hin qabaatiin, jarmaa isaanii qaranii diinatti bobba’uu waan dadhabaniif, sabichaafis hamilee kennuu dadhaban. Gabaabaatti, haalli kun, miseensota dhaabota siyaasaa keesatti mamii fi afanfaajjii fide. Deggertoota kaayyo qabsichaa keessatti hamilee caba fidee, jaarmota siyaasaa gidduutti illee tokkummaa hamma turellee laaffise.

Gara biraan, kaayyoon qabsichaa, Impayericha dimookratessuun achi keessaan mirga Oromoo argamsisuu ta’uu qaba kan jedhantu jiru. Mooraan kun, jaarmota Oromoo walaba ta’an, kanneen heera Impaayerichaa fudhatanii biyya keessa sosso’aa jiran fi kanneen biyya alaa taa’anii ifatti ha ta’uu, dhoksaan ilaalcha kana babal’isan hammata. Isaaniis, tokkummaan sosso’anii, wayyoomina argisiisuu waan dadhabaniif, sabni Oromoo abdii akka irraa hin qabnne beekkamaa dha. Keesattuu, “project”iin saaanii kun yeroo hedduu yaalamee kan dadhabame ta’uun beekkamaa dha.

Gabaabatti, ilaalcha siyaasaa kana lameen irratti yaadni qabsaa’ota Oromoo bakka lamatti hiramuun tokkummaa qabsaa’otaa irratti dhiibbaa guddaa qabaachuu fi tokkummaaf gufuu ta’uun isaa beekkamaa dha.

Yoo gad-fageessinee ilaalle, dhimmi jaarmaa, kan diiplomaasii fi kan qabsoo hidhanno ykn nagaa kan irratti hundaa’u kaayyoo bakkaan gahuun fedhamu irratti. Kana irraa kan baramuu qabu, kaayyoo bakkaan gahuu fedhan irratti walii-galteen yoo hin jirraanne, tokkummaa qabaachuun hin dada’amu.

Yaadni akkas wal-irraa fagoon lama wal-falmaa jiraachuun, qabsoo keenyaa keessatti afanfaajjii uumuu, nu laafiisuu fi tokkummaa qabsaa’otaaf gufuu ta’uun isaa ifaa dha. Kanaaf, tokkummaan isin fiddan kan dhugaan kaayyoo irratti hunda’ee ta’uu qaba!

2.      Tokkummaan qaabsaa’ota Oromoo ummata keenyaaf dhimma tarsimooti malee kan toofttaa miti!

Qabsoon tokkummaa qabsaa’ota Oromoo dhinsuu fi itichuuf godhamu ija toofttaatiin ilaalamuu hin qabu. Har’a, qabxiin ummata keenya dhimma kana caalaa yaaddessuu kan jiru nutti hin fakkaatu. Tokkummaan qabsaa’otaa ittiin diina injifatanii biyya keenya fi saba keenya bilisoomsuu qofaaf kan barbaadamu miti. Erga bilisa baanee boodallee, biyya keenya misoomsuu fi sirnna haqaa fi dimookrassii keessatti diriirsuun tokkumma qabsaa’otaa gaafata. Qabsaa’onni tokkummaa hin qabnne, yoo biyya qabaataniis, osoo wal jeeqanii ummataas jeeqanii, saba saanii “lola lammii” (civil war) saaxiluu danda’u. Qabxii kana hubachuu fi gad-fageessanii itti amanuun fardii dha.

Sochiin isin tokkummaa qabsaa’ota Oromoof gootan hubannaa fi amantii kana irratti hundaa’uu qaba. Tokkummaa qabaachuun  waan Oromoo hedduu gammachiisu ta’uu waan beektaniif jecha, ummata biratti jalala horachuuf ykn bu’aa biraa irraa buufachuuf  ykn “olola of irraa dhaabuuf” ykn “haasaa nagaatti jirra” jechuu qofaaf akka toofttaatti  dhimma itti hin ba’ina. Bakka gahuu dhabuu yalii hedduu ammaan dura gootaniif sababin tokko tokkummaa qabsaa’ota Oromoo akka toofttaatti malee akka tarsimootti ilaaluu dhabuu keessan. Kanaaf, fuula duratti irraa of qusadhaa!

 
3.      Dhaabni isin hoogantan kan miseensota isaa ti, malee kan dhuunfaa keessanii miti! Kana yeroo hunda yaadahdaa!

Dhaabni hoogganttan kan miseensota dhaabichaa ti. Hoogganni aangoo irra yeroo dheeraa turuu irraan kan ka’e dhaabin kan dhuunfaa saanii kan ta’e itti fakkaachuu danda’a. Dogoggora akkasii irraa of eeggachuu barbaachisa. Kan hooggana filee aangoo itti keenne miseensota dhaabichaa ta’uun irraafatamuu hin qabu! Deggersa fi qooda fudhannaa miseensotaa malee sochiin keessan milkaa’uu hin danda’u. Kanaaf, mirga miseensonni keessan imaammata, sochii fi murtiilee dhaaba saanii keessatti qooda fudhachuuf qaban kabajaa!

Sababoota sochii isin tokkummaa qabsaa’ota Oromoo dhinsuuf goona jettan gufachiisan keessaa inni tokko, sochii kana keessatti, miseensota keessan qooda dhorkachuu fi yaada saanii  kessumsiisuu diduu dha jennee amanna. Ilaalcha “Kan wal-dhabu hooggana, kan araaramus hooggana, miseensi maal keessaa qabaa?” jedhu irraa of qulqulleessuu dadhabuu keessan argina. Hamma ilaalcha kana irraa of qulqulleessittanitti, tokkummaa qabsaa’ota Oromoo dhinsuu hin dandeessan. Qabsaa’onni isin tokkoomsuuf hojjenna jettan kun eenyu isaanii? Miseensotuma dhaabota keessanii miti? Maree tokkummaa kanneen akka tokkooman berbaadamu keessatti qooda hin fudhane ykn irratti yaada hin kennanne milkaa’uu attamitti danda’aa?

Seena dabre irraa barachuu feesisa. Murtiilee gur-guddoon ammaan dura osoo miseensota qooda hin fudhachiisin godhaman jeequmsa fi badii guddaa fidan. Jecha kanaaf fakkeenyi irraa barachuu qabnu inni duraa bara 1991 keessa mootummaa cehumsa Itoophiyya keessaa qooda fudhachuu ABOn murteesse keessaa, miseensi dhaabicha qooda hin qabu ture. Murtii fardiin akkasii qooda fudhannaa fi maree miseensotaan alatti godhamee raabsameef. Bara 1992 keessa murtiin WBO mooraatti galchuu, beekumsa miseensotan alatti ta’e. Itti bahiin isaa lubbuu ilmaan Oromoo qisaasuu fi WBO hamma badinsaan gahuu ture. Fakkeenyi biraan, murtii bara 2000 keessa “Ajandaa Nagaa” labsuuf godhame, kan miseensonni dhaabichaa irratti hin mar’achiifaminii fi qooda keessaa hin fudhatini. Itti bahiinsi isaas ABO bakka lamatti baqaqsuun QBO gara boodaatti deebise jechuun ni dandaa’ama.

Qooda fudhannaa, deggersa fi fedhii miseensotaa keessanii malee, tokkumaa qabsaa’otaa qofaa keessan fiduu hin dandeessan. “Waliigaltte”, “tumsa”, “Walhubannoo” fi kkf mallatteessuu dura, miseensota keessaniin mar’adha. Yaada saanii gaafadhaa.  Dhimma kana akka gaariitti hubachuu fi deggeruu saanii hubadhaa. Addunyaatti facaasuu dura miseensota keessaniin gahaa.

Gabaabatti, mirga miseensota keessanii kabajaa! Qabsaa’onni isin tokkoomsuuf hojjenna jettan miseensotuma kana ta’uu yeroo hunda yaadadhaa! Dhaabichi kan dhuunfaa keessan osoo hin taane, kan miseensota ta’uu hubadhaa!

 
4.      Tokkoomuun qabsaa’otaa kan aadaan hojii saa hin jijjiiramnne QBOf faydaa hin qabu!

Hammam illee yoo tookkomttan, yoo hojii qabsoo hojjettanii  QBO achi hin buttan ta;e ummata Oromoof  bu’aa hin buufttan. Ummata Oromoo kan aria’atama fi hacuuccaa diinaa jalaa baasuu dandeessan hojii qabsoo hojjechuu qofaan. Hojii hojjechuun ammo aadaa hojii horachuu barbaada. Dhaabonni keenya hundi, hoogganoota fi miseensota dabalatee, aadaa hojii hin qaban. Kun jijjiiramuu qaba!

Akka barbaachisutti Oromoo ijaaranii bobbaasaa hin jiran. Waraana ijaaranii guddisaa fi lolchiisaa hin jiran. Alagaa Oromoof firoomsaa hin jiran.

Hedduun saanii karoora hojiillee hin qaban. Karoora humnna namaa oogummaa fi dandeetti qabu horachuu, karoora beeksisii (propaganda), karoora hojii diiplomaasii, karoora Oromoo biyya keessa fi alatti ijaaruu, karoora of-irratti hirkannoo, karoora tikaa fi qaruutee (security & intelligence) jaaruu, karoora waraana ijaaruu fi lakkobsa fi aynaasaa wayyeessuu fi kkf hin qaban. Karoora hojii malee hojiin hin jiru. Kan hin karoorffatin hojjetamee fi hin hojjetamnneesaa madaaluun hin danda’amu. Kanaaf, dhaabonni keenya waggaa dha waggaatti hojiisaanii hammam akka tarkaanfachisan madaaluu hin danda’an. Kaan saanii gaaffii kanallee of hin gaafatan. Kun dhaabota keenyaaf aadaa ta’ee jira.

Hojii Oromoo ijaaree bobbaasu, kan waraana ijaaree lolchiisu, kan alagaa Oromoof firoomsu hoojjettu yoo ta’e malee tokkummaan keessan qofaan ummata Oromoo waan gargaaru hin qabu. Aadaa hojii horadhaa!

5.      Wal-tuffachuu dhiisaa!

Wal caalmaan dhaabota bilisummaa ummata tokkoo  kan maadalamu, kaayyoo ummatichaa bakkaan gahuuf hojii isaan hojjetan irratti. Hojii kana keessaa kanneen gurguddoon, kan diiplomasii, kan waraanaa fi kan siyaasaa ti. Isin keessaa kan qabso diiplomaasii Oromoo boonsu “hojjechaan jira” jechuu danda’u  eenyuu? Kan waraana diina haleelaa jiru qabu isin keessaa eenyuu? Kan biyya keessatti ummata ijaaree qabsootti bobbaasaa jiru hoo eenyu? Isin keessaa kan hojii kana “kanneen hafan caalaan hojjechaa jira; Oromoo boonsaan jira!” jedhee dubbachuu danda’u jiraa? Mee dhaabbadhaa of ilaalaa! Ebelu waraana hin qabu, ebelu nama sadituu dha fi kkf jechuun keessan of gammachissuuf yoo ta’e malee dhugaa qabatamaa  keessa jirttan hin calaqqisu. Kannen wal-cabsan fi wal-tuffatan tokkummaa ummachuu hin danda’an. Yoo ummataniis, waaruu hin danda’u. Kanaaf, wal-tuffachuu dhiisaa! Walitti dhufttanii wal jabeessuu fi QBO achi butuuf carraaqaa malee wal cabsuu fi wal-tuffachuu irratti yeroo keessan hin balleessinaa.


6.      Hoogganni seera dhaabni isaa tumateen hin bulle, tokkummaa qabsaa’ota Oromoo dhinsuu hin danda’u!

Hoogganni sirnna dhaaba saatiin hin bulle, amantaa (credibility) hin qabaatu. Keesattuu, hoogganni sirnnummaa (legitimacy) hin qabnne, bakka dhaabichaa bu’ee haasa’uuf illee mirga hin qabu. Hedduun keessan dhaaba bakka buuna jettan keessatti, gadaan keessan erga dhume bubbulee jira. Ha ta’u malee, qaanii tokko malee aangootti rarraatanii jirttu.  Hoogganni har’a heera dhaaba isaa cabsee humnnaan aangotti rarra’u, osoo bilisummaa baanee aangoo qabaate, sirnna dimookraasii fi kan haqaa diriirsa jedhamee akkamitti abdatamaa? Erga gadaan keessan dhumee booda akka heera dhaaba keessanitti filannoo haaraa osoo hin geggeessin ykn miseensota keessanitti deebitanii gadaa keessan dheeressuuf  hayyama osoo irraa hin argatin, akkasumatti baroota dheera aangoorra teessan, hooggana isin booda dhufuuf fakkeenya akkamii taatuu? Heera fi seera ofii keessanii hin kabajin, miseensota keessan akkamiin kabajchiisuu dandeessuu?

Tokkummaa qabsaa’ota Oromoo dhinsuu kan danda’an hoogganoota amantaa (credibility) ummata biraa qaban, hoogganoota sirnnaa (legitimate leaders) fi hoogganoota seera fi heera dhaaba saaniin bulanii bulchan qofa. Kanaaf, heera fi seera dhaabota keessanii kabajaa; yoo gadaan keessan dhumee jiraate, dura hoogganummaa keessan sirneessa!  

Oromiyaan Ni Bilisoomitti!

 
Abraahim Abbayyee
D/T Kutaa ABO Ameerikaa Kaabaa (KABO-AK)
www.oromoliberationfront.info
KABO-AK@oromoliberationfront.info

Isin maal jattuu?  Have your say!

Visitors

 

View blog authority